Jalqaba irratti gaaffii "Nageenyi eessaa argama" jedhu gaaffachuun barbaachisaadha jedhee yaada. Iyyi cimaan biyya keenyaaf, matii keenyaaf akkasumas immoo garaa fi sammuu keenyaaf Nageenyi eessaa argama jedhu bara baay'eef dhagayamaa tureera. Ammas immoo Akkuma Addunyaan qorannaatti guddataa adeemaa jirtu, hammuma sodaa adda addaatiinis rukutamaa jirtuun Iyyi namoota baay'ee cimee ittuma fufee jira. haata'uu malee Iyyi kun iyya garaa/lubbuuti moo iyya akkamiiti? akka dhuunfaa keetiitti ati Dheebuu fi jeequmsa yeroo ammaa keessatti qabbana yeroo dheeraa si wajjiin jiraatu sana ni barbaaddaa?
Nageenyi durummaa guddaadha.
namoonni sammuu isaanii beekkumsaan, kiisii isaanii immoo maallaqaan guuttachuu fedhu.
haata'uu malee durummaan guddaan kun addunyaa lolaa fi abdii dhabiinsaan rakkataa jirtu kana keessatti ni argama laata?
namoonni baay'een immoo ejja, summii fi baala nama hadoochisu keessatti dhokachuu yaalu. Garuu nageenya hin Argatan "LUBBUUN" isaanii Duwwaa jirti. Ati garuu qixa lamaanitti of ilaaluu dhiisiitii gara waaqayyootti deebi'uu kaayyoo jireenya keetii godhi. Jireenyi waaqa irratti hundaa'e nageenya fida. Jiruu kee keessatti Yoo waaqaaf hin bitamne haala xiqqaan kufta. Karaa biroon immoo yoo waaqa wajjiin nagaa hin qabaatin ofii kee wajjiinis nagaa hin qabdu.
" Isa garaan isaa cimsee si amanatu, sababii inni sitti of kennatuuf ati nagaa guutuudhaan in eegda;" jedha sagaleen waaqayyoo
(Macaafa Isaayaas Raajichaa 26: 3).
Hub: Nama jibbuun summii gammachuu sammuu keetii si jalaa hatudha. Abdii kutachuutti si geessa. Dhiifama godhuuf humna si dhabsiisa. Ati garuu ofii keetii Dhiifama argachuuf duraan dursitee Dhiifama gochuu qabda (mat 16:15). yommuu kana gootu Nageenyi keesssa keetti sitti dhagayama. Egaa addunyaa jeeqamaa jirtu kana keessatti nageenya sammuu argachuuf balbala mana keetii yesuusiif bani. inni nagaa siif in kenna. Ameen!
Eebbifamaa
Jireenyi amanaa jireenyaan madaalama!
LIFE GROUP
Comments