Cubbuun keessummeessaa fedha bilisaa fi filannooti. Burqaan cubbuullee Seexana. Isa 14:12-15. Kanaafis cubbuun karaa Addaam gara ijoollee namaatti darbuudhaan biyya lafaatti gale. Egaa namni bara Kakuu moofaattis ta'ee Kakuu haaraatti kan gaafatamu cubbuu hojjateenidha. Sababnis filannoon bilisaa hanga jirutti cubbuunis jira waan ta'eef. Akkuma fedhii ofiitiin abboomamuun jiru abboomamuu diduunis jira. Kana waan ta'eef namni bara biyya lafaa irra jiraatutti cubbuu hojjachuu hin dhiisu, Kunis uumama cubbuu hojjatu waan qabuuf. Kana jechuun Gooftaan Yesuus uumama cubbuu waan hin qabneef isa hin dabalatu.
Kana malees, gosoonni cubbuu hawaasa keessa jiran heddudha. Isaan keessaa muraasni:
1). Loogii
2). Sanyummaa
3). Mirga namootaa sarbuu
4). Ulfa baasuu
5). Gaa'ila saala walfakkaatu gidduutti raawwachuu
6). Malaammaltummaa fi kkf.
Bu'aan cubbuu du'a bara baraati.
Egaa, waaqayyo Warra lapheen isaanii deebi'u ni jaallata. Cubbuun namoota tokko tokkoo irratti beekkama. Kan namoota biroo immoo hamma fedhan irra deddeebiin yoo hojjatanis irratti hin beekkamu. Haata'uu malee hundumaa tolaan inni faradu waaqayyo teessoo isaa irra taa'ee waan ilaalaa jiruuf guyyaa tokko firdii itti laachuudhaaf ni ka'a, ni faradas.
Garuu, Akka walii galaatti amantootni Qormaata Cubbuu irraa Isaan mudatu mo'ichaan bayuu kan danda'an humna Hafuura qulqulluutti hirkachuudhaan. Kunis Dhugaa ta'uu kan danda'u hafuura qulqulluu osoo hin gaddisiisin sodaa waaqayyootiin deddeebi'uu yoo danda'anidha.
FURMAANNI CUBBUU MAAL?
Egaa, Furmaanni(qorichi) cubbuu dhiiga kiristoosiin dhiqatanii Dhiifama argachuudha. 1yoh 1:7-9.
Michoota koo, utuu waaqayyo dura firdiif hin dhaabbatin akka hennaa maraaf ta'utti kottaa garaa keenyaan gara waaqayyootti deebinaa.
EEBBIFAMAA
LIFEGROUP
JIREENYI AMANAA JIREENYAAN MADAALAMA
Comments