Skip to main content

Addunyaa Ormaa

 Namni kamuu du'a hin oolu; du’a balfus, duuni isa hin balfu. Garuu namni akka du'u utuma beeku, akka isa hin duunetti deddeebi'a. “Akka nama barabaraan jiraatuutti dhama'i, akka nama amma du'uutti hojii gaarii of harkaa qabaadhu!” kan jedhamu namoota hedduu biraa bakka hamma xurii qeensaa iyyuu hin qabu. Kana qofaa miti, firaa fi hiriyyaan har'a akka lubbuu keenyaatti jaalannu hunduu guyyaa ijji isaa walitti deebi'u, hafuurri isaa foon irraa adda bahu namni beeku hin jiru. Akka tasaa osoo namoota kanneen keessaa tokko miidhama lubbuu miidhamee, baay'een keenya hamma eegamuun ol miidhamna. Kunis jiraatti yeroo waliif qabaachuu dhabuu keenya irraa waan maddudha. Waliif gadduun, oo'a waliif agarsisuun, namatti dhagayamuun akkuma jirutti ta'ee, miidhama jireenyaa fi sammuu harka caalmaan kan dhaqqabsiisu, jiraatti quba waldhabuu, waan godhanii fi walii godhan osoo hin raawwatin deddeebi’uu, akka wal jaalatan walitti himuu dhiisuu, bakka waliif qaban qoma rurrukutachaa waliif ibsuu hafuun warreen ijoodha. Kana gochuuf dirqama qabeenya addaa qabaachuun, kennaa gatii jabeessa waliif hidhuun, daara wal baasuun, dhangaalee adda addaa waliif hiixachuun dirqama miti.

 “Kan qabaniin qaba dhaqu,…kan qabu kan kennes doqna hin jedhamu.” Akkuma jedhamu, fuula ifaa walitti agarsiisuu, waan qaban waliin cabsachuu, akka walii fi waliin jiraatan walitti himuu, afaanii baafatanii hammam akka wal jaalatan ifaa fi ifatti walii ibsuun warreen hangafa namni kamuu of harkaa qabudha. Namni hedduun eessa akka ooluu fi maalummaa isaa osoo hin beekiin, addunyaa ormaa keessa naanna'aa oola. Waa'ee maatii fi ollaa isaa osoo hin beekiin waa'ee biyyoota biroo, ardiilee badhaadhoo fi waan biraa haasahuun eenyuun caalaa beekama. Barataan hojii manaa isaa osoo hin hojjetiin, diraamaafi fiilmii saayintistii gahee isaa xumuree addunyaa kana irraa godaanee daawwachaa bula. Akkanaan barruuleen isaa qullaa ishee gara mana barumsaa deemtee galti. Maqaa hiriyyoota warreen isa fayyadan, yoo dhukkubsatee mana yaalaa isa geessan, yoo rakkate rakkoosaaf fala barbaadan osoo hin beekiin maqaa taphattoota biyya ormaa tarreessuun yeroofi bara isaatti ibidda qabsiisa. Araada balfamaa!

Namni kamuu haala jiru keessatti waan isarraa eegamu osoo godhee, ceephoon umurii gara boodaafi miidhamni du'aan boodaa ni hir'ata. Abbaan yeroo lubbuun jiru osoo ilmi waan isarraa barbaachisu raawwateefii, gaafa inni lafa dhugaa deemu miidhama bayyanachuun waggoota hedduu lakkoofsisu miidhamuu irraa qusatama. Hariiroon kamuu akkanuma. Eeggannaa akka jechuuti!


Comments

Popular posts from this blog

CUBBUU

       Cubbuun keessummeessaa fedha bilisaa fi filannooti. Burqaan cubbuullee Seexana. Isa 14:12-15. Kanaafis cubbuun karaa Addaam gara ijoollee namaatti darbuudhaan biyya lafaatti gale. Egaa namni bara Kakuu moofaattis ta'ee Kakuu haaraatti kan gaafatamu cubbuu hojjateenidha. Sababnis filannoon bilisaa hanga jirutti cubbuunis jira waan ta'eef. Akkuma fedhii ofiitiin abboomamuun jiru abboomamuu diduunis jira. Kana waan ta'eef namni bara biyya lafaa irra jiraatutti cubbuu hojjachuu hin dhiisu, Kunis uumama cubbuu hojjatu waan qabuuf. Kana jechuun Gooftaan Yesuus uumama cubbuu waan hin qabneef isa hin dabalatu. Kana malees, gosoonni cubbuu hawaasa keessa jiran heddudha. Isaan keessaa muraasni: 1). Loogii 2). Sanyummaa 3). Mirga namootaa sarbuu 4). Ulfa baasuu 5). Gaa'ila saala walfakkaatu gidduutti raawwachuu 6). Malaammaltummaa fi kkf. Bu'aan cubbuu du'a bara baraati. Egaa, waaqayyo Warra lapheen isaanii deebi'u ni jaallata. Cubbuun namoota tokk...

JIREENYA AMANTII

Namoonni tokko tokko kufaatii isaanii kaleessaatiin kan hafan yookiis immoo hubannaa wantoota sodaachisoo boru Isaan mudataniin kan qabamanidha. waaqayyo Garuu Kaleessa keessan irra hin jiraatu. Dhagayaa ani anadha jedha waaqayyo. Amantiin kee amma. Jireenyi Amantiiis immoo waayee kaleessaa yookiis borii miti. Waa'ee har'aatidha. Amantiin kan hojjatu ammaafidha. Deebii isin amma waaqayyoo fi sagalee isaatiif deebiftanidha. Kanaafuu qooda waa'ee kaleessaa dhiphachuu yookiis sodaa boruutiin guuttamuu xiyeeffannoo keessan har'a irra godhaa. Amma maal gochuu qaba jedhaatii of gaafadhaa. Har'aa keessan gaarii godhaa. Dhiphinni keessan kaleessaa fi sodaan keessan boruu diina gammachuu keessan har'aatidha. Kaleessi darbeera. Dubbii waaqayyoo isa isin Irra jiru irratti xiyyeeffadhaa. Sababnis waaqayyo sodaa keessanitti hin gammadu amantii keessanitti malee. Guyyicha guyyaa milkaa'aa godhaa. Eeliyaas gaara koreb gubbatti Yommuu waaqayyoon Walgaye waaqayyo...