Skip to main content

NAGEENYA SAMMUU QABAACHUU


Jalqaba irratti gaaffii "Nageenyi eessaa argama" jedhu gaaffachuun barbaachisaadha jedhee yaada. Iyyi cimaan biyya keenyaaf, matii keenyaaf akkasumas immoo garaa fi sammuu keenyaaf Nageenyi eessaa argama jedhu bara baay'eef dhagayamaa tureera. Ammas immoo Akkuma Addunyaan qorannaatti guddataa adeemaa jirtu, hammuma sodaa adda addaatiinis rukutamaa jirtuun Iyyi namoota baay'ee cimee ittuma fufee jira. haata'uu malee Iyyi kun iyya garaa/lubbuuti moo iyya akkamiiti? akka dhuunfaa keetiitti ati Dheebuu fi jeequmsa yeroo ammaa keessatti qabbana yeroo dheeraa si wajjiin jiraatu sana ni barbaaddaa? Nageenyi durummaa guddaadha. 
namoonni sammuu isaanii beekkumsaan, kiisii isaanii immoo maallaqaan guuttachuu fedhu.
haata'uu malee durummaan guddaan kun addunyaa lolaa fi abdii dhabiinsaan rakkataa jirtu kana keessatti ni argama laata?  

namoonni baay'een immoo ejja, summii fi baala nama hadoochisu keessatti dhokachuu yaalu. Garuu nageenya hin Argatan "LUBBUUN" isaanii Duwwaa jirti. Ati garuu qixa lamaanitti of ilaaluu dhiisiitii gara waaqayyootti deebi'uu kaayyoo jireenya keetii godhi. Jireenyi waaqa irratti hundaa'e nageenya fida. Jiruu kee keessatti Yoo waaqaaf hin bitamne haala xiqqaan kufta. Karaa biroon immoo yoo waaqa wajjiin nagaa hin qabaatin ofii kee wajjiinis nagaa hin qabdu. " Isa garaan isaa cimsee si amanatu, sababii inni sitti of kennatuuf ati nagaa guutuudhaan in eegda;" jedha sagaleen waaqayyoo (Macaafa Isaayaas Raajichaa 26: 3). 
  Hub: Nama jibbuun summii gammachuu sammuu keetii si jalaa hatudha. Abdii kutachuutti si geessa. Dhiifama godhuuf humna si dhabsiisa. Ati garuu ofii keetii Dhiifama argachuuf duraan dursitee Dhiifama gochuu qabda (mat 16:15). yommuu kana gootu Nageenyi keesssa keetti sitti dhagayama. Egaa addunyaa jeeqamaa jirtu kana keessatti nageenya sammuu argachuuf balbala mana keetii yesuusiif bani. inni nagaa siif in kenna. Ameen!

 Eebbifamaa
 Jireenyi amanaa jireenyaan madaalama!   
LIFE GROUP

Comments

Edaso Bede said…
Thank u my brother!!

Popular posts from this blog

CUBBUU

       Cubbuun keessummeessaa fedha bilisaa fi filannooti. Burqaan cubbuullee Seexana. Isa 14:12-15. Kanaafis cubbuun karaa Addaam gara ijoollee namaatti darbuudhaan biyya lafaatti gale. Egaa namni bara Kakuu moofaattis ta'ee Kakuu haaraatti kan gaafatamu cubbuu hojjateenidha. Sababnis filannoon bilisaa hanga jirutti cubbuunis jira waan ta'eef. Akkuma fedhii ofiitiin abboomamuun jiru abboomamuu diduunis jira. Kana waan ta'eef namni bara biyya lafaa irra jiraatutti cubbuu hojjachuu hin dhiisu, Kunis uumama cubbuu hojjatu waan qabuuf. Kana jechuun Gooftaan Yesuus uumama cubbuu waan hin qabneef isa hin dabalatu. Kana malees, gosoonni cubbuu hawaasa keessa jiran heddudha. Isaan keessaa muraasni: 1). Loogii 2). Sanyummaa 3). Mirga namootaa sarbuu 4). Ulfa baasuu 5). Gaa'ila saala walfakkaatu gidduutti raawwachuu 6). Malaammaltummaa fi kkf. Bu'aan cubbuu du'a bara baraati. Egaa, waaqayyo Warra lapheen isaanii deebi'u ni jaallata. Cubbuun namoota tokk...

Addunyaa Ormaa

 Namni kamuu du'a hin oolu; du’a balfus, duuni isa hin balfu. Garuu namni akka du'u utuma beeku, akka isa hin duunetti deddeebi'a. “Akka nama barabaraan jiraatuutti dhama'i, akka nama amma du'uutti hojii gaarii of harkaa qabaadhu!” kan jedhamu namoota hedduu biraa bakka hamma xurii qeensaa iyyuu hin qabu. Kana qofaa miti, firaa fi hiriyyaan har'a akka lubbuu keenyaatti jaalannu hunduu guyyaa ijji isaa walitti deebi'u, hafuurri isaa foon irraa adda bahu namni beeku hin jiru. Akka tasaa osoo namoota kanneen keessaa tokko miidhama lubbuu miidhamee, baay'een keenya hamma eegamuun ol miidhamna. Kunis jiraatti yeroo waliif qabaachuu dhabuu keenya irraa waan maddudha. Waliif gadduun, oo'a waliif agarsisuun, namatti dhagayamuun akkuma jirutti ta'ee, miidhama jireenyaa fi sammuu harka caalmaan kan dhaqqabsiisu, jiraatti quba waldhabuu, waan godhanii fi walii godhan osoo hin raawwatin deddeebi’uu, akka wal jaalatan walitti himuu dhiisuu, bakka waliif qaban...

JIREENYA AMANTII

Namoonni tokko tokko kufaatii isaanii kaleessaatiin kan hafan yookiis immoo hubannaa wantoota sodaachisoo boru Isaan mudataniin kan qabamanidha. waaqayyo Garuu Kaleessa keessan irra hin jiraatu. Dhagayaa ani anadha jedha waaqayyo. Amantiin kee amma. Jireenyi Amantiiis immoo waayee kaleessaa yookiis borii miti. Waa'ee har'aatidha. Amantiin kan hojjatu ammaafidha. Deebii isin amma waaqayyoo fi sagalee isaatiif deebiftanidha. Kanaafuu qooda waa'ee kaleessaa dhiphachuu yookiis sodaa boruutiin guuttamuu xiyeeffannoo keessan har'a irra godhaa. Amma maal gochuu qaba jedhaatii of gaafadhaa. Har'aa keessan gaarii godhaa. Dhiphinni keessan kaleessaa fi sodaan keessan boruu diina gammachuu keessan har'aatidha. Kaleessi darbeera. Dubbii waaqayyoo isa isin Irra jiru irratti xiyyeeffadhaa. Sababnis waaqayyo sodaa keessanitti hin gammadu amantii keessanitti malee. Guyyicha guyyaa milkaa'aa godhaa. Eeliyaas gaara koreb gubbatti Yommuu waaqayyoon Walgaye waaqayyo...