Namoonni tokko tokko kufaatii isaanii kaleessaatiin kan hafan yookiis immoo hubannaa wantoota sodaachisoo boru Isaan mudataniin kan qabamanidha. waaqayyo Garuu Kaleessa keessan irra hin jiraatu. Dhagayaa ani anadha jedha waaqayyo.
Amantiin kee amma. Jireenyi Amantiiis immoo waayee kaleessaa yookiis borii miti. Waa'ee har'aatidha. Amantiin kan hojjatu ammaafidha. Deebii isin amma waaqayyoo fi sagalee isaatiif deebiftanidha. Kanaafuu qooda waa'ee kaleessaa dhiphachuu yookiis sodaa boruutiin guuttamuu xiyeeffannoo keessan har'a irra godhaa. Amma maal gochuu qaba jedhaatii of gaafadhaa. Har'aa keessan gaarii godhaa.
Dhiphinni keessan kaleessaa fi sodaan keessan boruu diina gammachuu keessan har'aatidha. Kaleessi darbeera. Dubbii waaqayyoo isa isin Irra jiru irratti xiyyeeffadhaa. Sababnis waaqayyo sodaa keessanitti hin gammadu amantii keessanitti malee. Guyyicha guyyaa milkaa'aa godhaa.
Eeliyaas gaara koreb gubbatti Yommuu waaqayyoon Walgaye waaqayyo "yaa Eeliyaas asii maal hojjatta" jedhee gaaffate. 1mot 19:9
Dhimmichi eessa akka ture garam akka deemu hin turre. Egaa Dhimmichi dhimma har'aatidha waan ta'eef filannoo keessan har'a irra godhaatii gara fuulduraatti deemaa. Sababnis har'i madda boruuti.
Eebbifamaa
Jireenyi amanaa jireenyaan madaalama!
LIFE GROUP
Comments