Xaalayaa irraa barumsa hafuuraa hangam akka hubannu hin Beekkamu. Akkuma poostaan tokko xaalayaa of keessatti qabatee abbaa dhimmaa biraan gayu; Nutis immoo Waaqayyo biraa gara addunyaatti jechuunis namummaa foonii keessatti dabalamnee xaalayaa ergamnedha. Haata'uu malee wanti nama dhibu utuu ergama hanga kana qabannee jirru keessa keenya kan jiru wanta guddaa fayyadu "LUBBUU" keenya irraanfachuu keenyadha.
Obboloota koo Jireenyi keenya akka seenaa xaalayaa ergaan keessaa fuudhamee kosiitti gatamuu ta'aa laata? Tarii jireenya kee abdii hin shakkisiifne godhattee karaa baay'een hojiif dadhabaa jirta ta'a. Tarii immoo affeerraa hafuuraa nama waaqayyoo irraa "DHIIFAMA NAAF GODHI" jechuun siif dhiyaate hojiitu natti baay'ata, yeroo hin qabu jettee deebifteetta ta'a.
Garuu, guyyaa dhumaatti waaqayyo isa bara baraa dura dhiyaattee dhiiga yesuusiitiin maal ittiin hojjatte? jedhamtee Yommuu gaafatamtu of duuba deebitee adeemsa jireenyakee kaleessaa jijjiiruu hawwita. Poostaan bareedaan temberiin itti maxxanfamee ture namummaan foonii kee faayidaan ala ta'eera. Murtii fudhachuuf Abbaa murtii bara baraa dura yeroo dhaabbatte "Isin abaaramoo nana, na biraa adeemaa!"... (Maatewos 25: 41) Yommuu jedhamtan sodaa fi hollannaa guddaadhaan cimsitee araara gaafatta ta'a. Garuu, yerichi darbeera. Baay'ee barfatteetta.
Obboleessa koo, atis obboleettii haalli gaddisiisaan kun akka sirra hin geenye yoo barbaadde ..."isa gara koo dhufu ani ofirraa hin ari'u" jedha sagaleen Waaqayyoo (yoh 6:37). Egaa kiristoosiif jireenya kee maaf hin kennitu?
HUB: dhuma adeemsa jireenya kee keessatti xaalayaan poostaa keessa jiru(LUBBUUN) garuu abbaa isa ta'e kan Waaqayyooti. " Ati biyyoo dha, deebitees biyyoo in taata; " (Seera Uumamaa 3: 19).
Egaa, Utuu foon kee si fudhatee firdiif fuula waaqayyoo dura hin dhaabbatin cubbuu keetti Gaabbii gara waaqayyootti deebi'i.
You are a posted letter!
Eebbifamaa
Jireenyi amanaa jireenyaan madaalama!
LIFE GROUP
Comments