Skip to main content

ATI EENYUUN FAKKAATTA ?


GUYYAA tokko qeesii/luba/soortuu tokkotu  Tajaajila guyyaa sambataa fuuldura isaanii jiruuf mana isaanitti ergaa guyyaa sambataa Sabaaf dhiyeessaniif utuu qoophaa'aa jiran daa'imni isaanii xiqqoon Isaan jeequu jalqabde. Dugda isaanii irra bayaa yaadannoo Isaan barreessanis Yommuu tatarsaastus lakki, lakki jechaa obsaafii turan. Dhuma irratti immoo bishaan burcuqqoo fuutee macaafa qulqulluu Isaan dubbisaa jiranitti gara galchite. Kana irratti Baay'ee aaranii lafaa gara samiitti ol butanii Yommuu deebisanii lafaan dhayuuf jedhanii fuula keessa ilaalan, daa'imni Akkuma waan Isaan irraa muramteetuutti Isaan fakkaatti. Achumaan garaan isaanii Baay'ee hoo'ee suuta jedhanii soofaa irra kaayan.
..."Erga Kristos Yesus du'ee kaafamee immoo gara mirga Waaqayyootti argamee Waaqayyoon nuuf kadhatee,... "
                (Roomaa 8: 34)

Eeyye, yeroo Baay'ee waaqayyo erga nutti gaddee booddee gara mirga isaa Yommuu ilaalu mirga isaatti kiristoosiin arga. Nutis Ilma waan fakkaannuuf araara nuuf godha. Kun Garuu caalchifnee akka isa sodaannuu fi akka abbaattis akka isa kabajnu kan nu agarsiisudha malee badii hojjachaa akka itti fuufnu nu jajjabeessuuf waan hin taaneef,  dammaqnee jireenya galataatiin akka isa duukaa-buunu Gooftaan nu haa gargaaru. AMEEN!

Gaaffii:
1. Kutaa kana irraa maal barattan? Yaada keessan naaf barreessaa

EEBBIFAMAA 
JIREENYI AMANAA JIREENYAAN MADAALAMA!

LIFEGROUP 
Like, Share 

Comments

Himi-Gnp said…
Kiristoos keessatti beekkamuun kee kiristoos karaa kee beekkamuufidha

Popular posts from this blog

CUBBUU

       Cubbuun keessummeessaa fedha bilisaa fi filannooti. Burqaan cubbuullee Seexana. Isa 14:12-15. Kanaafis cubbuun karaa Addaam gara ijoollee namaatti darbuudhaan biyya lafaatti gale. Egaa namni bara Kakuu moofaattis ta'ee Kakuu haaraatti kan gaafatamu cubbuu hojjateenidha. Sababnis filannoon bilisaa hanga jirutti cubbuunis jira waan ta'eef. Akkuma fedhii ofiitiin abboomamuun jiru abboomamuu diduunis jira. Kana waan ta'eef namni bara biyya lafaa irra jiraatutti cubbuu hojjachuu hin dhiisu, Kunis uumama cubbuu hojjatu waan qabuuf. Kana jechuun Gooftaan Yesuus uumama cubbuu waan hin qabneef isa hin dabalatu. Kana malees, gosoonni cubbuu hawaasa keessa jiran heddudha. Isaan keessaa muraasni: 1). Loogii 2). Sanyummaa 3). Mirga namootaa sarbuu 4). Ulfa baasuu 5). Gaa'ila saala walfakkaatu gidduutti raawwachuu 6). Malaammaltummaa fi kkf. Bu'aan cubbuu du'a bara baraati. Egaa, waaqayyo Warra lapheen isaanii deebi'u ni jaallata. Cubbuun namoota tokk...

Addunyaa Ormaa

 Namni kamuu du'a hin oolu; du’a balfus, duuni isa hin balfu. Garuu namni akka du'u utuma beeku, akka isa hin duunetti deddeebi'a. “Akka nama barabaraan jiraatuutti dhama'i, akka nama amma du'uutti hojii gaarii of harkaa qabaadhu!” kan jedhamu namoota hedduu biraa bakka hamma xurii qeensaa iyyuu hin qabu. Kana qofaa miti, firaa fi hiriyyaan har'a akka lubbuu keenyaatti jaalannu hunduu guyyaa ijji isaa walitti deebi'u, hafuurri isaa foon irraa adda bahu namni beeku hin jiru. Akka tasaa osoo namoota kanneen keessaa tokko miidhama lubbuu miidhamee, baay'een keenya hamma eegamuun ol miidhamna. Kunis jiraatti yeroo waliif qabaachuu dhabuu keenya irraa waan maddudha. Waliif gadduun, oo'a waliif agarsisuun, namatti dhagayamuun akkuma jirutti ta'ee, miidhama jireenyaa fi sammuu harka caalmaan kan dhaqqabsiisu, jiraatti quba waldhabuu, waan godhanii fi walii godhan osoo hin raawwatin deddeebi’uu, akka wal jaalatan walitti himuu dhiisuu, bakka waliif qaban...

JIREENYA AMANTII

Namoonni tokko tokko kufaatii isaanii kaleessaatiin kan hafan yookiis immoo hubannaa wantoota sodaachisoo boru Isaan mudataniin kan qabamanidha. waaqayyo Garuu Kaleessa keessan irra hin jiraatu. Dhagayaa ani anadha jedha waaqayyo. Amantiin kee amma. Jireenyi Amantiiis immoo waayee kaleessaa yookiis borii miti. Waa'ee har'aatidha. Amantiin kan hojjatu ammaafidha. Deebii isin amma waaqayyoo fi sagalee isaatiif deebiftanidha. Kanaafuu qooda waa'ee kaleessaa dhiphachuu yookiis sodaa boruutiin guuttamuu xiyeeffannoo keessan har'a irra godhaa. Amma maal gochuu qaba jedhaatii of gaafadhaa. Har'aa keessan gaarii godhaa. Dhiphinni keessan kaleessaa fi sodaan keessan boruu diina gammachuu keessan har'aatidha. Kaleessi darbeera. Dubbii waaqayyoo isa isin Irra jiru irratti xiyyeeffadhaa. Sababnis waaqayyo sodaa keessanitti hin gammadu amantii keessanitti malee. Guyyicha guyyaa milkaa'aa godhaa. Eeliyaas gaara koreb gubbatti Yommuu waaqayyoon Walgaye waaqayyo...