Skip to main content

OF EEGGANNOO

Bara kana wanta dhageenyu, wanta arginuu fi wanta dubbannu hundumaafuu of eeggannoo godhuun barbaachisaadha. Cubbuun ijaa fi gurraan seeneetidha kan qalbii namaa jijjiiru. Wanta guyyaa guyyaan arginuu fi dhageenyu hundumaafuu of eeggannoo godhuun barbaachisaadha. Heewaan firiin mukichaa nyaachuuf akka nama hawwisiisu argiteetidha cubbuun ka kufte. Daawwitis Beersaabeen utuu dhiqattu argee cubbuun ka kufe. Kanaafuu Nutis taanaan maatiin Keenya wanta arginuu fi dhageenyuuf of eeggachuu fi of eeggachiisuu barbaachisa. Cubbuun dhagayuu fi arguu gara qabatamaatti fiduudhaaf humna qaba. Keessattuu yeroo ammaa kana seexanni kiristaanota kuffisaa kan jiru ejjaanidha. Kunis immoo karaa gabaabaan inni itti gargaaramu fiilmii ejjaa ilaalchisuudhaa fi uffata ejjaa uffachiisuudhaan waan ta'eef; Nutis taanaan ijoolleen keenyas fiilmiiwwan Ilaallu qorachuu qabna. Keessaanuu ijoollee waaqayyo nuu kenne akka sagalee waaqayyootti bocanii guddisanii hojjattoota waaqayyoo akka ta'an godhuuf itti gaafatamummaa waan qabnuufidha.
Walumaagalatti seexanni har'a gara cubbuutti nu galchuudhaaf Teeknooloojii illee fayyadamaa
Jira waan ta'eef TV ilaallu, Gaazexaa dubbifnu, wantoota interneetii irratti walii erginuu fi raadiyoo dhaggeeffannu hundaa qorachuu qabna.

Sababnis:
Guyyaa tokko ilmatu haadha isaa sababa dullummaaf mana oolan asii fi achi sosochoosuu, kaasuu fi raffisuun Baay'ee isa rakkisee ture. Utuu inni rakkina sana keessa jiru namni tokko isa qoruudhaaf gara isaa dhufee "Harmee kee ni gurgurtaa" jedhee gaafate. Ilmis immoo Harmee koo ishee na guddifte moo! Kun seexana akkamiiti? Na biraa deemi jedhee ari'e. Xiqqoo turee yoo yaaduu jalqabu, dubbii dura gurra seente sana garaa isaatti keessummeessuu jalqabe. Sanaan booda qarshii naaf baafti erga ta'ee maaliif hin gurguruu jedhee fiigee namicha duraan Harmee kee ni gurgurtaa? Jedheen sana dhaqqabee, waamee tole Haata'uu kaa meeqa naaf baafti jedhee gaafate... Jedhama.

Egaa, michoota koo, wanti arginuu fi dubbiin gurra keenyatti dhageenyu erga keessa keenyaa seenee booddee dandeettii gara wanta qabatamaatti jijjiiramuu qaba waan ta'eef, wanta arginuu fi dhageenyu hundumaafuu of eeggannoo guddaa godhuun barbaachisaadha. waaqayyo hunduma keenyaaf hubannaa nuuf haa kennu. AMEEN!

(M. Fakkeenyaa 5:1)

Gaaffii:
1. Turtii Jireenyaa hanga har'aa jiraatte keessatti wanti gaarii fakkatu, garuu nama qaanessu si mudatee beekaa?

2. Isa irraa hoo Maal baratte?

JIREENYI AMANAA JIREENYAAN MADAALAMA!

         Like, Share godhaa
LIFEGROUP

Comments

Popular posts from this blog

CUBBUU

       Cubbuun keessummeessaa fedha bilisaa fi filannooti. Burqaan cubbuullee Seexana. Isa 14:12-15. Kanaafis cubbuun karaa Addaam gara ijoollee namaatti darbuudhaan biyya lafaatti gale. Egaa namni bara Kakuu moofaattis ta'ee Kakuu haaraatti kan gaafatamu cubbuu hojjateenidha. Sababnis filannoon bilisaa hanga jirutti cubbuunis jira waan ta'eef. Akkuma fedhii ofiitiin abboomamuun jiru abboomamuu diduunis jira. Kana waan ta'eef namni bara biyya lafaa irra jiraatutti cubbuu hojjachuu hin dhiisu, Kunis uumama cubbuu hojjatu waan qabuuf. Kana jechuun Gooftaan Yesuus uumama cubbuu waan hin qabneef isa hin dabalatu. Kana malees, gosoonni cubbuu hawaasa keessa jiran heddudha. Isaan keessaa muraasni: 1). Loogii 2). Sanyummaa 3). Mirga namootaa sarbuu 4). Ulfa baasuu 5). Gaa'ila saala walfakkaatu gidduutti raawwachuu 6). Malaammaltummaa fi kkf. Bu'aan cubbuu du'a bara baraati. Egaa, waaqayyo Warra lapheen isaanii deebi'u ni jaallata. Cubbuun namoota tokk...

Addunyaa Ormaa

 Namni kamuu du'a hin oolu; du’a balfus, duuni isa hin balfu. Garuu namni akka du'u utuma beeku, akka isa hin duunetti deddeebi'a. “Akka nama barabaraan jiraatuutti dhama'i, akka nama amma du'uutti hojii gaarii of harkaa qabaadhu!” kan jedhamu namoota hedduu biraa bakka hamma xurii qeensaa iyyuu hin qabu. Kana qofaa miti, firaa fi hiriyyaan har'a akka lubbuu keenyaatti jaalannu hunduu guyyaa ijji isaa walitti deebi'u, hafuurri isaa foon irraa adda bahu namni beeku hin jiru. Akka tasaa osoo namoota kanneen keessaa tokko miidhama lubbuu miidhamee, baay'een keenya hamma eegamuun ol miidhamna. Kunis jiraatti yeroo waliif qabaachuu dhabuu keenya irraa waan maddudha. Waliif gadduun, oo'a waliif agarsisuun, namatti dhagayamuun akkuma jirutti ta'ee, miidhama jireenyaa fi sammuu harka caalmaan kan dhaqqabsiisu, jiraatti quba waldhabuu, waan godhanii fi walii godhan osoo hin raawwatin deddeebi’uu, akka wal jaalatan walitti himuu dhiisuu, bakka waliif qaban...

JIREENYA AMANTII

Namoonni tokko tokko kufaatii isaanii kaleessaatiin kan hafan yookiis immoo hubannaa wantoota sodaachisoo boru Isaan mudataniin kan qabamanidha. waaqayyo Garuu Kaleessa keessan irra hin jiraatu. Dhagayaa ani anadha jedha waaqayyo. Amantiin kee amma. Jireenyi Amantiiis immoo waayee kaleessaa yookiis borii miti. Waa'ee har'aatidha. Amantiin kan hojjatu ammaafidha. Deebii isin amma waaqayyoo fi sagalee isaatiif deebiftanidha. Kanaafuu qooda waa'ee kaleessaa dhiphachuu yookiis sodaa boruutiin guuttamuu xiyeeffannoo keessan har'a irra godhaa. Amma maal gochuu qaba jedhaatii of gaafadhaa. Har'aa keessan gaarii godhaa. Dhiphinni keessan kaleessaa fi sodaan keessan boruu diina gammachuu keessan har'aatidha. Kaleessi darbeera. Dubbii waaqayyoo isa isin Irra jiru irratti xiyyeeffadhaa. Sababnis waaqayyo sodaa keessanitti hin gammadu amantii keessanitti malee. Guyyicha guyyaa milkaa'aa godhaa. Eeliyaas gaara koreb gubbatti Yommuu waaqayyoon Walgaye waaqayyo...