Amantiin kiristaanaa waan miira caalaatti hundee gadi fagoo qabu irratti hundeeffamedha. Hojii yesuus jireenya isaatiin, du'uu fi du'aa ka'uu isaatiin nuuf raawwate irratti bu'uureffameera. Kana kitaabni qulqulluun nuuf ibsa. Garuu kitaabni qulqulluun maali? Kitaabni qulqulluun isa yaada namoonni waa'ee waaqayyoo qaban nutti himu osoo hin taane, waan Waaqayyo waa'ee keenya yaadu kan nutti dubbatudha. Inni ergaa Hafuura waaqayyoo qabu isa Waaqayyo dhala namaatiif ergedha. Kanaafidha kan kiristaanonni "SAGALEE WAAQAYYOO" jedhanii isa waamaniif. Warra isatti amananiif abdii waaqayyo kenne kunoo hanga tokko kitaaba qulqulluu keessaa mirkaneeffachuu dandeessa.
1) waaqayyo akka si dhagayu: (Macaafa Ermiyaas Raajichaa 29 )
------------
12 Yommus isin gara kootti deebitanii maqaa koo waammattanii ana in kadhattu, anis isiniif nan dhaga'a;
13 isin ana in barbaaddattu; garaa keessan guutuudhaan yoo ana barbaaddattan, ana in argattu;
2) waaqayyo akka si jaallatu: (Roomaa 8 )
38 Duuni, jireenyi, ergamoonni waaqa irraa, warri bantii waaqaa keessatti aboo qabu jedhamanii sodaataman, wanti amma jiru, wanti dhufuuf jirus hundinuu, wanti humna argisiisuu danda'us, jaalala Waaqayyoottii gargar akka nu hin baafne ani beeka.
39 Wanti ol ka'ee jiru, wanti gad fagaatee jirus, uumama keessaa wanti biraas, jaalala Waaqayyoo isa karaa gooftaa keenyaa Kristos Yesus nuuf dhufettii, danda'ee gargar nu hin baasu.
3) waaqayyo akka si wajjiin jiru:
" Abbaan koo anaaf kan kennu hundinuu gara koo in dhufa, isa gara koo dhufus ani of irraa hin ari'u;"
(Yohannis 6: 37)
"Ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus!" jedheera."
(Ibroota 13: 5)
4) cubbuun akka siif Dhiifame:
(1 Yohannis 1 )
8 Cubbuu hin qabnu yoo jenne of in sossobna; dhugaanis nu keessa hin jiru.
9 Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu qulleessa.
5) jireenya barabaraa akka qabdu :
" Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga'ee isa ana ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni du'a keessaa gara jireenyaatti darbee malee, gara firdii hin dhaqu. "
(Yohannis 5: 24)
Kitaabni qulqulluun waraqaa ragaa dhalootaa keetidha. Eenyu akka ati taate sitti hima. Yoma maraattee qalbii dabarsite illee eenyummaan kee akka hin jijjiiramne sitti hima. Eenyu akka ati taate sitti dubbata. Yoo ati isa irraanfatte illee inni waa'ee kee sitti dubbata. Kanaafuu 3. Akkuma Waraqaa dhalootaa keenya amannu kitaaba qulqulluu isa waa'ee olii dhalachuu keenya nutti Dubbatu amanuu qabna.
" Michoota ko! Nuyi amma ijoollee Waaqayyoo ti;"
(1 Yohannis 3: 2)
Tarii amanuu keetti sodaa qabda ta'a, ni shakkitas ta'a, garuu Kanaaf Deebii kan ta'u yoh 5:24 irra deddeebiidhaan dubbisi. Gara waaqayyootti dhiyeessi, akka inni sammuu keetti siif barreessuufis isa kadhadhu. Kitaabni qulqulluun ragaa dhalootaa Kee akka ta'e hin irraanfatin. Isa dubbifadhu Kakuu waaqayyo siif gale Baay'ee hubatta. Amantii keetti jabaattee akka ati dhaabattu si gargaara.
Waaqayyo gara isaatti hiddaa fi hundee gadi fageeffattee akka dhaabbattu si haa gargaaru.
EEBBIFAMAA
JIREENYI AMANAA JIREENYAAN MADAALAMA
LIFEGROUP
like, share
Comments