Skip to main content

Posts

Showing posts from March, 2020

God is still in control

We, like many of you, have been following the news about COVID-19 closely.  This is a difficult moment for everyone and our hearts go out to all those affected by the outbreak. During this crisis, safety and spiritual growth continue to be our priorities. We are living in a day where the Church is being called upon to pray a miracle  upon the nations.  This time that we are living in is the Church's greatest opportunity to propagate the Gospel and show the world who we really are.  God is still in control.   He has not forgotten His people.  His plan for this world is still to draw the hearts of all people to Him.  Let’s not allow this time to be a time of decrease,  let’s allow it to be a time of increase. Blessing LIFE GROUP!

JIREENYI KEE HAA DUBBATU

                " Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii, abbaa keessan isa waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan akkuma kanaatti namoota duratti haa ifu!..."                      (Maatewos 5: 16) Eeyye, michoota koo, bara ammayyaa kana iyya sagalee keenyaa caalaatti wanti qabatamaan nuti hojjannu iyyuu qaba. Dhaga-ba'uumsa gaariidhaan deddeebi'aa namoota hundumaa gara gaarii fi fayyisaa isa ta'e Gooftaatti akka boojinu waaqayyo nu haa gargaaru. AMEEN! http://www.biblestudytools.com

WARAQAA RAGAA DHALOOTAA

        Amantiin kiristaanaa waan miira caalaatti hundee gadi fagoo qabu irratti hundeeffamedha. Hojii yesuus jireenya isaatiin, du'uu fi du'aa ka'uu isaatiin nuuf raawwate irratti bu'uureffameera. Kana kitaabni qulqulluun nuuf ibsa. Garuu kitaabni qulqulluun maali? Kitaabni qulqulluun isa yaada namoonni waa'ee waaqayyoo qaban nutti himu osoo hin taane, waan Waaqayyo waa'ee keenya yaadu kan nutti dubbatudha. Inni ergaa Hafuura waaqayyoo qabu isa Waaqayyo dhala namaatiif ergedha. Kanaafidha kan kiristaanonni "SAGALEE WAAQAYYOO" jedhanii isa waamaniif. Warra isatti amananiif abdii waaqayyo kenne kunoo hanga tokko kitaaba qulqulluu keessaa mirkaneeffachuu dandeessa. 1) waaqayyo akka si dhagayu: (Macaafa Ermiyaas Raajichaa 29 )  ------------ 12 Yommus isin gara kootti deebitanii maqaa koo waammattanii ana in kadhattu, anis isiniif nan dhaga'a; 13 isin ana in barbaaddattu; garaa keessan guutuudhaan yoo ana barbaaddattan, ana in argattu; 2) waaqay...

OF EEGGANNOO

Bara kana wanta dhageenyu, wanta arginuu fi wanta dubbannu hundumaafuu of eeggannoo godhuun barbaachisaadha. Cubbuun ijaa fi gurraan seeneetidha kan qalbii namaa jijjiiru. Wanta guyyaa guyyaan arginuu fi dhageenyu hundumaafuu of eeggannoo godhuun barbaachisaadha. Heewaan firiin mukichaa nyaachuuf akka nama hawwisiisu argiteetidha cubbuun ka kufte. Daawwitis Beersaabeen utuu dhiqattu argee cubbuun ka kufe. Kanaafuu Nutis taanaan maatiin Keenya wanta arginuu fi dhageenyuuf of eeggachuu fi of eeggachiisuu barbaachisa. Cubbuun dhagayuu fi arguu gara qabatamaatti fiduudhaaf humna qaba. Keessattuu yeroo ammaa kana seexanni kiristaanota kuffisaa kan jiru ejjaanidha. Kunis immoo karaa gabaabaan inni itti gargaaramu fiilmii ejjaa ilaalchisuudhaa fi uffata ejjaa uffachiisuudhaan waan ta'eef; Nutis taanaan ijoolleen keenyas fiilmiiwwan Ilaallu qorachuu qabna. Keessaanuu ijoollee waaqayyo nuu kenne akka sagalee waaqayyootti bocanii guddisanii hojjattoota waaqayyoo akka ta'an godhuuf itti ...

ATI EENYUUN FAKKAATTA ?

GUYYAA tokko qeesii/luba/soortuu tokkotu  Tajaajila guyyaa sambataa fuuldura isaanii jiruuf mana isaanitti ergaa guyyaa sambataa Sabaaf dhiyeessaniif utuu qoophaa'aa jiran daa'imni isaanii xiqqoon Isaan jeequu jalqabde. Dugda isaanii irra bayaa yaadannoo Isaan barreessanis Yommuu tatarsaastus lakki, lakki jechaa obsaafii turan. Dhuma irratti immoo bishaan burcuqqoo fuutee macaafa qulqulluu Isaan dubbisaa jiranitti gara galchite. Kana irratti Baay'ee aaranii lafaa gara samiitti ol butanii Yommuu deebisanii lafaan dhayuuf jedhanii fuula keessa ilaalan, daa'imni Akkuma waan Isaan irraa muramteetuutti Isaan fakkaatti. Achumaan garaan isaanii Baay'ee hoo'ee suuta jedhanii soofaa irra kaayan. ..."Erga Kristos Yesus du'ee kaafamee immoo gara mirga Waaqayyootti argamee Waaqayyoon nuuf kadhatee,... "                 (Roomaa 8: 34) Eeyye, yeroo Baay'ee waaqayyo erga nutti gaddee booddee gara mirga isaa Yommuu ilaalu mirga isaatti kiristoosiin arg...

BA'AA ISA KAM BAADHATTAA?

     Gaaf tokko Harree daba dhooftu tokkotu ture. Yeroo hundumaa Abbaan harreettii soogidda itti Fe'ee Yommuu deemu qarqara  lagaa yoo geettu ciiftee gangalatti turte. Yeroo San bishaan ba'aa isheen baatteertu keessa seenee Yommuu bulbulu, ba'aan harreettii irraa xiqqoo waan itti salphatuuf. Irra deddeebiin yeroo harreettiin kana gootu abbaan itti beekee, qooda duraan soigidda itti Fe'aa ture amma Ashawaa(cirracha) itti Fe'ee deddeebisuu jalqabe. Harreettiin immoo Akkuma amala ishee daba dhooftee qarqara lagaa Yommuu ciiftee gangalachuu jalqabdu, bishaan immoo cirrachicha isheen baatteertu keessa gale,    Amma ba'aan narraa salphateera jettee Yommuu isheen ka'uuf jettu cirrachichi isa duraa caalaatti itti waan ulfaateef ka'uu dadhabdee achitti hafte. Eeyye, Michoota koo waanjoo gooftaa salphaa fi gati-qabeessa hin baadhannu yoo jenne seexanni ba'aa isaa nu baadhachiisa waan ta'eef haa deebinuu. Kanaafis immoo waaqayyo keenya araara-qabeessi ...