Skip to main content

RAGAA DHOKATE

Kakuun haarofni isa yesuus nuuf hojjate ibsuuf dubbii mana murtiitti dhimma baya. Mee mana murtii abbootii taayitaa gurguddoo, himataa lama(dhiiraa tokkoo fi dubara tokko) keessa dhaabbattanii jiran yaadi. Hordoftoonni adeemsa seeraa akka yakki hojjatame murteessaniiru. Warra himatamtootattis Murtaa'eera. Isaan adabamuu qabu. Gatii isaas baasuu qabu. Garuu Utuu Isaan 'maaloo bilisa nu baasaa' jedhanii manni guutuun itti kolfa ture. Mee amma fakkeenya biraa haa fudhannuu, warri yakkamtoonni abbaa alangaa isa guddaa, waaqayyo dura dhaabbattanii jiru haa jennuu. Kan Isaan himate(hadheesse) seexana isa isaanitti murteessuu barbaadudha. Kan dhaabbatee isaaniif falmu immoo yesuus. Akkuma yohaannis barreesse, namni tokko illee cubbuu yoo hojjate garuu, nama nuuf dhaabbatu abbaa biraa qabna, inni yesuus kiristoos isa jiraataadha (1yoh 2:1).

RAKKOO JIRU: rakkoon jiru himatamoonni akka yakka hojjatan baraniiru. Kanaaf abbaan alangaa biyya lafaa hundaa ka'ee biyya lafaa guutummaatti murteessuu qaba. Amma egaa wanti hafe adaba Isaan irratti dabarsuu qofaadha. Garuu yesuus achii ka'ee as bayee isa hadheessee(himatee) gaaffii cimaa gaafate:''ragaan kee meerree? " Kun guungummii achi keessa ture callisiise. Inni himate(hadheesse) ni qaanaye. Waraqaa isaa asii fi achi yoo garagalche illee ragaa argachuu hin dandeenye. Wanti qabames hin turre. Ragaan kanaan dura waraabbamee tures hin turre. Wanti himata kana dhugoomsu tokko illee hin argamne. Addunyaa kana keessa wanti Dubartiin tun yookiis namichi kun yakka hojjateera jedhee dhugoomsu tokko illee argamuu hin dandeenye. Akka inni itti ta'e kunooti. Ragaan cubbuu keenyaa ni balleeffame. Yesuus kiristoos hunda isaa walitti qabee ibidda dheekkemsa waaqayyoo isa iddoo inni itti fannifame qulleesse keessa buuse. Yeroo yesuus fannifamee hedduu dhiphate galmeen yakka keenyaa hundinuu balleeffamee ragaa tokko malee hafe. Qol 2:13-14. Yesuus abukaatoon egaa amma labsii isaa isa nama gammachiisu labse. Namicha yookiis Dubartii tana irratti ragaan hin jiru. Inni himate(hadheesse) aariidhaan gubatee gadi baye. Abbaan alangaas himatamoonni "bilisa" jedhee labse. Isaan bilisa ta'anii ayyaana waaqayyootiinis qajeelota ta'an. Egaa amma firdiin warra kiristoos yesuusitti qabamanii jiraatanitti faradamu tokko illee hin jiru. Rom 8:1

Michoota koo, jireenya bilisummaa Dhugaa isa karaa kiristoos yesuus nuuf kenname keessa amanamummaa fi dhugaadhaan deddeebi'uu akka dandeenyu waaqayyo nu haa gargaaru, ayyaana isaas nuuf haa baay'isu. Efe 3:16-18

https://t.me/joinchat/AAAAAEmsQ1p1zHJLK
85Dbg

 Eebbifamaa
Jireenyi amanaa jireenyaan madaalama! LIFE GROUP

Comments