Skip to main content

FAKKEENYUMMAA

hojiin waaqayyoo kan nama dhuunfaa Utuu hin taane hojii guutummaa waldaa kiristaanaati. Jechuunis kan amantoota hundaati. Hara'a garuu isa tokkotu fakkaatee jiraataa isa kaan fakkeenyummaan jiraachuu dhoowwaa jira. Dhugaa dubbachuuf Waaqayyo kan barbaadu namootadha. Kaayyoon wangeelaas namoota waan ta'eef. Kanaafuu safartuun tajaajila(hojii waaqayyoos ) Aarsaa kaffalamedha malee milkaa'ina miti. Waan sii milkaa'e qofaaf tajaajileera hin jedhin. Egaa Har'a akka phaawuloos anoo isinan barbaada malee, waa isin irraa hin barbaadu,...ofii koo illee taanaan isiniif dabarsee kennuudhaaf nan gammada 2Qor 12:14-15 kan jedhu, wanti nama irra caalu akka hin jirre kan amanuu fi hubate dhugicha kanaafis namni jiraatu hojii waaqayyootiif barbaachisaadha. Sababnis Kiristaanummaan jireenya nuti ceekuu keenya obboleessa ykn obboleettii keenyaaf itti irkoo(iddoo mijataa) akka ta'uuf kenninee wal gargaaraa jiraannudha malee iddoo itti isa kaan ciqileedhaan gadi qabaa ofii iddoo filatamaa irra teenyuu miti.

Michoota koo, barri bara suufa uffataniin fakkeenya ta'aa qarshii soqan ta'eera. Ati hoo:
Ambaasaaddara uffachuu moo
Ambaasaadara ta'uu Filatta?

Ambaasaaddara uffadhee
Karavaata kaawwadhee
Waltajjii yoo hin baane
Bara kana naaf galeera
Aka tajaajilaa hin taane

Garuu gaaffii qaba
Dhaloota kana irraa
Uffata lubaa uffachuu moo
Luba ta'uu wayya?

Yoo waaqayyo si dibe
Kun deebii gaaffii kooti
Garuu anaan kan na dhibe
Maaf hin dhiiftu
waan waaqayyo sirratti jibbe?

1. Siif fakkeenyummaan maal?
2. Bara kana ati maaliin fakkeenya ta'aa jirta?, fakkeenyummaan sibiratti argamaa?
3. Waaqayyoo maal? Jireenya akkamii sirraa barbaada?
4. Jireenya sirraa barbaadu sana yoo sirraa dhabe maal siin Jedha?
Ergaa gabaabduu fakkeenyummaa irraa fakkeenya ta'uu barattu jedhee yaada.

Michoota keessaniif share godhaa.

    Eebbifamaa 
Jireenyi amanaa jireenyaan madaalama! 
LIFE GROUP 

Comments

Popular posts from this blog

CUBBUU

       Cubbuun keessummeessaa fedha bilisaa fi filannooti. Burqaan cubbuullee Seexana. Isa 14:12-15. Kanaafis cubbuun karaa Addaam gara ijoollee namaatti darbuudhaan biyya lafaatti gale. Egaa namni bara Kakuu moofaattis ta'ee Kakuu haaraatti kan gaafatamu cubbuu hojjateenidha. Sababnis filannoon bilisaa hanga jirutti cubbuunis jira waan ta'eef. Akkuma fedhii ofiitiin abboomamuun jiru abboomamuu diduunis jira. Kana waan ta'eef namni bara biyya lafaa irra jiraatutti cubbuu hojjachuu hin dhiisu, Kunis uumama cubbuu hojjatu waan qabuuf. Kana jechuun Gooftaan Yesuus uumama cubbuu waan hin qabneef isa hin dabalatu. Kana malees, gosoonni cubbuu hawaasa keessa jiran heddudha. Isaan keessaa muraasni: 1). Loogii 2). Sanyummaa 3). Mirga namootaa sarbuu 4). Ulfa baasuu 5). Gaa'ila saala walfakkaatu gidduutti raawwachuu 6). Malaammaltummaa fi kkf. Bu'aan cubbuu du'a bara baraati. Egaa, waaqayyo Warra lapheen isaanii deebi'u ni jaallata. Cubbuun namoota tokk...

Addunyaa Ormaa

 Namni kamuu du'a hin oolu; du’a balfus, duuni isa hin balfu. Garuu namni akka du'u utuma beeku, akka isa hin duunetti deddeebi'a. “Akka nama barabaraan jiraatuutti dhama'i, akka nama amma du'uutti hojii gaarii of harkaa qabaadhu!” kan jedhamu namoota hedduu biraa bakka hamma xurii qeensaa iyyuu hin qabu. Kana qofaa miti, firaa fi hiriyyaan har'a akka lubbuu keenyaatti jaalannu hunduu guyyaa ijji isaa walitti deebi'u, hafuurri isaa foon irraa adda bahu namni beeku hin jiru. Akka tasaa osoo namoota kanneen keessaa tokko miidhama lubbuu miidhamee, baay'een keenya hamma eegamuun ol miidhamna. Kunis jiraatti yeroo waliif qabaachuu dhabuu keenya irraa waan maddudha. Waliif gadduun, oo'a waliif agarsisuun, namatti dhagayamuun akkuma jirutti ta'ee, miidhama jireenyaa fi sammuu harka caalmaan kan dhaqqabsiisu, jiraatti quba waldhabuu, waan godhanii fi walii godhan osoo hin raawwatin deddeebi’uu, akka wal jaalatan walitti himuu dhiisuu, bakka waliif qaban...

JIREENYA AMANTII

Namoonni tokko tokko kufaatii isaanii kaleessaatiin kan hafan yookiis immoo hubannaa wantoota sodaachisoo boru Isaan mudataniin kan qabamanidha. waaqayyo Garuu Kaleessa keessan irra hin jiraatu. Dhagayaa ani anadha jedha waaqayyo. Amantiin kee amma. Jireenyi Amantiiis immoo waayee kaleessaa yookiis borii miti. Waa'ee har'aatidha. Amantiin kan hojjatu ammaafidha. Deebii isin amma waaqayyoo fi sagalee isaatiif deebiftanidha. Kanaafuu qooda waa'ee kaleessaa dhiphachuu yookiis sodaa boruutiin guuttamuu xiyeeffannoo keessan har'a irra godhaa. Amma maal gochuu qaba jedhaatii of gaafadhaa. Har'aa keessan gaarii godhaa. Dhiphinni keessan kaleessaa fi sodaan keessan boruu diina gammachuu keessan har'aatidha. Kaleessi darbeera. Dubbii waaqayyoo isa isin Irra jiru irratti xiyyeeffadhaa. Sababnis waaqayyo sodaa keessanitti hin gammadu amantii keessanitti malee. Guyyicha guyyaa milkaa'aa godhaa. Eeliyaas gaara koreb gubbatti Yommuu waaqayyoon Walgaye waaqayyo...