Skip to main content

Posts

Showing posts from February, 2020

JIREENYA AMANTII

Namoonni tokko tokko kufaatii isaanii kaleessaatiin kan hafan yookiis immoo hubannaa wantoota sodaachisoo boru Isaan mudataniin kan qabamanidha. waaqayyo Garuu Kaleessa keessan irra hin jiraatu. Dhagayaa ani anadha jedha waaqayyo. Amantiin kee amma. Jireenyi Amantiiis immoo waayee kaleessaa yookiis borii miti. Waa'ee har'aatidha. Amantiin kan hojjatu ammaafidha. Deebii isin amma waaqayyoo fi sagalee isaatiif deebiftanidha. Kanaafuu qooda waa'ee kaleessaa dhiphachuu yookiis sodaa boruutiin guuttamuu xiyeeffannoo keessan har'a irra godhaa. Amma maal gochuu qaba jedhaatii of gaafadhaa. Har'aa keessan gaarii godhaa. Dhiphinni keessan kaleessaa fi sodaan keessan boruu diina gammachuu keessan har'aatidha. Kaleessi darbeera. Dubbii waaqayyoo isa isin Irra jiru irratti xiyyeeffadhaa. Sababnis waaqayyo sodaa keessanitti hin gammadu amantii keessanitti malee. Guyyicha guyyaa milkaa'aa godhaa. Eeliyaas gaara koreb gubbatti Yommuu waaqayyoon Walgaye waaqayyo...

MAQAA MAQOOTA HUNDUMAA IRRA CAALU

Maqaa namoota Baay'ee waamneerra, waa'ee namoota Baay'ees dubbanneerra, baay'eenis nu dhaggeeffataniiru. Garuu maqaa YESUUS waamuun maaliif Rakkoo ta'ee? https://www.facebook.com/100009982205892/posts/842461709429895/?app=fbl LIFE GROUP Source: Facebookii buzuna t.  Irraa kan fudhatame

RAGAA DHOKATE

Kakuun haarofni isa yesuus nuuf hojjate ibsuuf dubbii mana murtiitti dhimma baya. Mee mana murtii abbootii taayitaa gurguddoo, himataa lama(dhiiraa tokkoo fi dubara tokko) keessa dhaabbattanii jiran yaadi. Hordoftoonni adeemsa seeraa akka yakki hojjatame murteessaniiru. Warra himatamtootattis Murtaa'eera. Isaan adabamuu qabu. Gatii isaas baasuu qabu. Garuu Utuu Isaan 'maaloo bilisa nu baasaa' jedhanii manni guutuun itti kolfa ture. Mee amma fakkeenya biraa haa fudhannuu, warri yakkamtoonni abbaa alangaa isa guddaa, waaqayyo dura dhaabbattanii jiru haa jennuu. Kan Isaan himate(hadheesse) seexana isa isaanitti murteessuu barbaadudha. Kan dhaabbatee isaaniif falmu immoo yesuus. Akkuma yohaannis barreesse, namni tokko illee cubbuu yoo hojjate garuu, nama nuuf dhaabbatu abbaa biraa qabna, inni yesuus kiristoos isa jiraataadha (1yoh 2:1). RAKKOO JIRU: rakkoon jiru himatamoonni akka yakka hojjatan baraniiru. Kanaaf abbaan alangaa biyya lafaa hundaa ka'ee biyya lafaa ...
JIREENYA KIRISTAANUMMAA BOCA HIN QABNE JIRAACHUUN; KIRISTAANUMMAA DHUGAA BAKKA HIN BU'U!

FAKKEENYUMMAA

hojiin waaqayyoo kan nama dhuunfaa Utuu hin taane hojii guutummaa waldaa kiristaanaati. Jechuunis kan amantoota hundaati. Hara'a garuu isa tokkotu fakkaatee jiraataa isa kaan fakkeenyummaan jiraachuu dhoowwaa jira. Dhugaa dubbachuuf Waaqayyo kan barbaadu namootadha. Kaayyoon wangeelaas namoota waan ta'eef. Kanaafuu safartuun tajaajila(hojii waaqayyoos ) Aarsaa kaffalamedha malee milkaa'ina miti. Waan sii milkaa'e qofaaf tajaajileera hin jedhin. Egaa Har'a akka phaawuloos anoo isinan barbaada malee, waa isin irraa hin barbaadu,...ofii koo illee taanaan isiniif dabarsee kennuudhaaf nan gammada 2Qor 12:14-15 kan jedhu, wanti nama irra caalu akka hin jirre kan amanuu fi hubate dhugicha kanaafis namni jiraatu hojii waaqayyootiif barbaachisaadha. Sababnis Kiristaanummaan jireenya nuti ceekuu keenya obboleessa ykn obboleettii keenyaaf itti irkoo(iddoo mijataa) akka ta'uuf kenninee wal gargaaraa jiraannudha malee iddoo itti isa kaan ciqileedhaan gadi qabaa ofii iddoo ...