Skip to main content

Posts

Showing posts from 2022

PAAYILEETICHA

 Namichatu qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa kufee of ajjeesuuf gara bosonaatti gadi bu'e. Ergasii seexanni itti dhufee eessa Akka deemaa jiru gaafate. Namichis "Qabxiin kutaa 10ffaa naaf dhufuu dinnaan abdii kutadhee of ajjeesuuf deemaa jira" jedheen. Seexannis itti qasa'ee kolfee Qabxiin kee meeqa jedhee gaafate. Namichis "Qabxiin koo One_Eighty(1.80)" jennaan, seexanichis namichaan "Namichoo beenuutii gali mootummaan keenyas Two(2.00) dhaa gadi hin fudhatuu" jedheen jedhama. Namichis irra deebi'ee baratee Paayileetii ta'e. Kun duri durii ta'us, silaa yoowwana namichi sun eessa Jira?  argitee? Waaqayyo gaafa nama si godhee, abdii kutannaa fi haala isa Obsa si fixachiisee yeroodhaaf harka si kennachiise irratti mo'ichaan si dhaabuu barbaadu, balbala badiisaa ati seenuuf  barbaacha dhaqxe sana ergamootuma badiisaa sanaan keessummeeffamuu dhoorkee sitti cufa. Kanaaf Obsi, yeroon Kee ganaadha, Of hin ajjeesin, Ulfini rakkina booda.

Addunyaa Ormaa

 Namni kamuu du'a hin oolu; du’a balfus, duuni isa hin balfu. Garuu namni akka du'u utuma beeku, akka isa hin duunetti deddeebi'a. “Akka nama barabaraan jiraatuutti dhama'i, akka nama amma du'uutti hojii gaarii of harkaa qabaadhu!” kan jedhamu namoota hedduu biraa bakka hamma xurii qeensaa iyyuu hin qabu. Kana qofaa miti, firaa fi hiriyyaan har'a akka lubbuu keenyaatti jaalannu hunduu guyyaa ijji isaa walitti deebi'u, hafuurri isaa foon irraa adda bahu namni beeku hin jiru. Akka tasaa osoo namoota kanneen keessaa tokko miidhama lubbuu miidhamee, baay'een keenya hamma eegamuun ol miidhamna. Kunis jiraatti yeroo waliif qabaachuu dhabuu keenya irraa waan maddudha. Waliif gadduun, oo'a waliif agarsisuun, namatti dhagayamuun akkuma jirutti ta'ee, miidhama jireenyaa fi sammuu harka caalmaan kan dhaqqabsiisu, jiraatti quba waldhabuu, waan godhanii fi walii godhan osoo hin raawwatin deddeebi’uu, akka wal jaalatan walitti himuu dhiisuu, bakka waliif qaban...