Skip to main content

PAAYILEETICHA

 Namichatu qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa kufee of ajjeesuuf gara bosonaatti gadi bu'e. Ergasii seexanni itti dhufee eessa Akka deemaa jiru gaafate. Namichis "Qabxiin kutaa 10ffaa naaf dhufuu dinnaan abdii kutadhee of ajjeesuuf deemaa jira" jedheen. Seexannis itti qasa'ee kolfee Qabxiin kee meeqa jedhee gaafate. Namichis "Qabxiin koo One_Eighty(1.80)" jennaan, seexanichis namichaan "Namichoo beenuutii gali mootummaan keenyas Two(2.00) dhaa gadi hin fudhatuu" jedheen jedhama.

Namichis irra deebi'ee baratee Paayileetii ta'e. Kun duri durii ta'us, silaa yoowwana namichi sun eessa Jira?  argitee? Waaqayyo gaafa nama si godhee, abdii kutannaa fi haala isa Obsa si fixachiisee yeroodhaaf harka si kennachiise irratti mo'ichaan si dhaabuu barbaadu, balbala badiisaa ati seenuuf  barbaacha dhaqxe sana ergamootuma badiisaa sanaan keessummeeffamuu dhoorkee sitti cufa. Kanaaf Obsi, yeroon Kee ganaadha, Of hin ajjeesin, Ulfini rakkina booda.


Comments

Popular posts from this blog

CUBBUU

       Cubbuun keessummeessaa fedha bilisaa fi filannooti. Burqaan cubbuullee Seexana. Isa 14:12-15. Kanaafis cubbuun karaa Addaam gara ijoollee namaatti darbuudhaan biyya lafaatti gale. Egaa namni bara Kakuu moofaattis ta'ee Kakuu haaraatti kan gaafatamu cubbuu hojjateenidha. Sababnis filannoon bilisaa hanga jirutti cubbuunis jira waan ta'eef. Akkuma fedhii ofiitiin abboomamuun jiru abboomamuu diduunis jira. Kana waan ta'eef namni bara biyya lafaa irra jiraatutti cubbuu hojjachuu hin dhiisu, Kunis uumama cubbuu hojjatu waan qabuuf. Kana jechuun Gooftaan Yesuus uumama cubbuu waan hin qabneef isa hin dabalatu. Kana malees, gosoonni cubbuu hawaasa keessa jiran heddudha. Isaan keessaa muraasni: 1). Loogii 2). Sanyummaa 3). Mirga namootaa sarbuu 4). Ulfa baasuu 5). Gaa'ila saala walfakkaatu gidduutti raawwachuu 6). Malaammaltummaa fi kkf. Bu'aan cubbuu du'a bara baraati. Egaa, waaqayyo Warra lapheen isaanii deebi'u ni jaallata. Cubbuun namoota tokk...

Addunyaa Ormaa

 Namni kamuu du'a hin oolu; du’a balfus, duuni isa hin balfu. Garuu namni akka du'u utuma beeku, akka isa hin duunetti deddeebi'a. “Akka nama barabaraan jiraatuutti dhama'i, akka nama amma du'uutti hojii gaarii of harkaa qabaadhu!” kan jedhamu namoota hedduu biraa bakka hamma xurii qeensaa iyyuu hin qabu. Kana qofaa miti, firaa fi hiriyyaan har'a akka lubbuu keenyaatti jaalannu hunduu guyyaa ijji isaa walitti deebi'u, hafuurri isaa foon irraa adda bahu namni beeku hin jiru. Akka tasaa osoo namoota kanneen keessaa tokko miidhama lubbuu miidhamee, baay'een keenya hamma eegamuun ol miidhamna. Kunis jiraatti yeroo waliif qabaachuu dhabuu keenya irraa waan maddudha. Waliif gadduun, oo'a waliif agarsisuun, namatti dhagayamuun akkuma jirutti ta'ee, miidhama jireenyaa fi sammuu harka caalmaan kan dhaqqabsiisu, jiraatti quba waldhabuu, waan godhanii fi walii godhan osoo hin raawwatin deddeebi’uu, akka wal jaalatan walitti himuu dhiisuu, bakka waliif qaban...

JIREENYA AMANTII

Namoonni tokko tokko kufaatii isaanii kaleessaatiin kan hafan yookiis immoo hubannaa wantoota sodaachisoo boru Isaan mudataniin kan qabamanidha. waaqayyo Garuu Kaleessa keessan irra hin jiraatu. Dhagayaa ani anadha jedha waaqayyo. Amantiin kee amma. Jireenyi Amantiiis immoo waayee kaleessaa yookiis borii miti. Waa'ee har'aatidha. Amantiin kan hojjatu ammaafidha. Deebii isin amma waaqayyoo fi sagalee isaatiif deebiftanidha. Kanaafuu qooda waa'ee kaleessaa dhiphachuu yookiis sodaa boruutiin guuttamuu xiyeeffannoo keessan har'a irra godhaa. Amma maal gochuu qaba jedhaatii of gaafadhaa. Har'aa keessan gaarii godhaa. Dhiphinni keessan kaleessaa fi sodaan keessan boruu diina gammachuu keessan har'aatidha. Kaleessi darbeera. Dubbii waaqayyoo isa isin Irra jiru irratti xiyyeeffadhaa. Sababnis waaqayyo sodaa keessanitti hin gammadu amantii keessanitti malee. Guyyicha guyyaa milkaa'aa godhaa. Eeliyaas gaara koreb gubbatti Yommuu waaqayyoon Walgaye waaqayyo...