Skip to main content

Posts

Showing posts from January, 2020

NAGEENYA SAMMUU QABAACHUU

Jalqaba irratti gaaffii "Nageenyi eessaa argama" jedhu gaaffachuun barbaachisaadha jedhee yaada. Iyyi cimaan biyya keenyaaf, matii keenyaaf akkasumas immoo garaa fi sammuu keenyaaf Nageenyi eessaa argama jedhu bara baay'eef dhagayamaa tureera. Ammas immoo Akkuma Addunyaan qorannaatti guddataa adeemaa jirtu, hammuma sodaa adda addaatiinis rukutamaa jirtuun Iyyi namoota baay'ee cimee  ittuma fufee  jira. haata'uu malee Iyyi kun iyya garaa/lubbuuti moo iyya akkamiiti? akka dhuunfaa keetiitti ati Dheebuu fi jeequmsa yeroo ammaa keessatti qabbana yeroo dheeraa si wajjiin jiraatu sana ni barbaaddaa? Nageenyi durummaa guddaadha.  namoonni sammuu isaanii beekkumsaan, kiisii isaanii immoo maallaqaan guuttachuu fedhu. haata'uu malee durummaan guddaan kun addunyaa lolaa fi abdii dhabiinsaan rakkataa jirtu kana keessatti ni argama laata?   namoonni baay'een immoo ejja, summii fi baala nama hadoochisu keessatti dhokachuu yaalu. Garuu nageenya hin Argatan ...

XAALAYAA

                    Xaalayaa irraa barumsa hafuuraa hangam akka hubannu hin Beekkamu. Akkuma poostaan tokko xaalayaa of keessatti qabatee abbaa dhimmaa biraan gayu; Nutis immoo Waaqayyo biraa gara addunyaatti jechuunis namummaa foonii keessatti dabalamnee xaalayaa ergamnedha. Haata'uu malee wanti nama dhibu utuu ergama hanga kana qabannee jirru keessa keenya kan jiru wanta guddaa fayyadu "LUBBUU" keenya irraanfachuu keenyadha. Obboloota koo Jireenyi keenya akka seenaa xaalayaa ergaan keessaa fuudhamee kosiitti gatamuu ta'aa laata?  Tarii jireenya kee abdii hin shakkisiifne godhattee karaa baay'een hojiif dadhabaa jirta ta'a. Tarii immoo affeerraa hafuuraa nama waaqayyoo irraa "DHIIFAMA NAAF GODHI" jechuun siif dhiyaate hojiitu natti baay'ata, yeroo hin qabu jettee deebifteetta ta'a. Garuu, guyyaa dhumaatti waaqayyo isa bara baraa dura dhiyaattee dhiiga yesuusiitiin maal ittiin hojjatte? jedhamtee Yommuu gaafatamtu of duuba deeb...