Namichatu qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa kufee of ajjeesuuf gara bosonaatti gadi bu'e. Ergasii seexanni itti dhufee eessa Akka deemaa jiru gaafate. Namichis "Qabxiin kutaa 10ffaa naaf dhufuu dinnaan abdii kutadhee of ajjeesuuf deemaa jira" jedheen. Seexannis itti qasa'ee kolfee Qabxiin kee meeqa jedhee gaafate. Namichis "Qabxiin koo One_Eighty(1.80)" jennaan, seexanichis namichaan "Namichoo beenuutii gali mootummaan keenyas Two(2.00) dhaa gadi hin fudhatuu" jedheen jedhama. Namichis irra deebi'ee baratee Paayileetii ta'e. Kun duri durii ta'us, silaa yoowwana namichi sun eessa Jira? argitee? Waaqayyo gaafa nama si godhee, abdii kutannaa fi haala isa Obsa si fixachiisee yeroodhaaf harka si kennachiise irratti mo'ichaan si dhaabuu barbaadu, balbala badiisaa ati seenuuf barbaacha dhaqxe sana ergamootuma badiisaa sanaan keessummeeffamuu dhoorkee sitti cufa. Kanaaf Obsi, yeroon Kee ganaadha, Of hin ajjeesin, Ulfini rakkina booda.
Himi'n miidiyaa hafuuraa amantootaa kiristiyaanaati. Barumsa Fayyinaa fi waa'ee Bara dhumaa irraati xiyyeeffata. Miidiyaa keessan cinaa dhaabbachuudhaan nu gargaaraan dhaamsa keenya hennaa maraati.