Bara_2013-2023_ALI
Kutaa 1
Raajii fi Abdii kana'aaniin galuu fudhachuun qofti wabii kana'aan galuu erga hin taanee(Iya 14:30, Ibr 11:13; 11:40), har'as raajii baay'ee dhaga'uun qofti wabii dhaaluu ta'uu hin danda'u. sagalee waaqayyoo irra yoo dhaabbanne, eenyummaa dhaaluu fi ejjannoo yoo qabaanne, yoo kadhannee fi yoo amanneen alatti, qophii dhaaluu yoo hin qabaanne, hin dhageenya malee hin dhaallu. Waaqayyo illee sagalee dubbate kan raawwatu waan raajota gara garaatiin waa'ee keenyaa fi Itiyoophiyaa dubbate qofaaf utuu hin taane, sagalee isaa irra yoo dhaabbannee fi eenyummaa dhaaluu fi ejjannoo yoo qabaanne qofadha. Kanaafuu, raajii waa'ee olkaafamuu biyya keenyaaf dubbatameef of haa eeggannuu. Yesuus waa'ee bu'uu hafuura qulqulluu yommuu dubbatu,
"Abdii abbaan Koo isiniif kenne, isa ani isinitti hime sana eeggadhaa!" (Hoe 1:4) jedhe sana irraanfachuu hin qabnu. Kan biroo immoo sagalee abdii dhaaluu Kan dandeenyu #OBSAAN danda'uudhaan. (Ibr 10:36). Isa itti himame dhaaluu Kan danda'an namoota akkamii akka ta'an sagaleen yoo dubbatu;
(Ibroota 6:11-12)
11 Isinis abdichi guutummaan isaa kan hin mamsiifne ta'uu isaa beektanii, tokkon tokkon keessan isumaaf dhimmuu keessan hamma dhumaatti akka argisiiftan in barbaadna.
12 Isin daagii utuu hin ta'in, fakkeenya warra amantii fi obsaan wanta abdachiifame argachuuf jiranii akka fudhattan in barbaanna jedha. Kanaaf nuti illee sagalee kana bu'uura godhannee of qopheessuu fi hanga dhumaatti jabaachuudhaan haalata siyaasaa fi amantaa keessattis sagalee raajii biyya keenyaa kana karaa dandeenyu hundaa cina dhaabbannee raawwachiisuu qabna. Barichis immoo bara kana.
Eebbifamaa
Abdiin jira!
Ergichi raajii Qees Bal'inaa Saarkaa bu'uura Kan godhatedha.
Hiikkoo K.
Comments