Kutaa 2ffaa
================
Akka dhugaa isaatti yoo ta'e sadarkaa jalqabaatti iyyuu kirirstaanummaan dhimma walgayii yookiis dhimma faarfannaa miti. Jireenyi kiristaanummaa kan nagaa, qajeelummaa, hafuurawaa fi qulqullummaati. Yeroo mijataa fi hin mijannetti illee warra rakkatan dhaqqabuudha. Waan qabnu hundumaa warra kaan wajjiin qoodamuudha. Kana jechuun jireenya keenya illee dabalateeti malee qarshii keenya qofa kennuu miti. Jireenya akka kanaa jalqabuu keenya dura wanti Iyyesuus waa'ee duuka-bu'ummaa dubbate xiqqoo akka ta'etti hubanna ture.
Iyyesuus waa'ee of ganuu fi Fannoo keenya baadhachuu yeroo dubbatu maal jechuu isaati? Kun warra beela'e nyaachisuu fi kan daaran uwwisuu qofa akka hin taane ifa galadha. Iyyesuus kan inni du'eef gatii Cubbuu keenyaa kaffaluudhaaf. Kanaafuu birmadummaa dhugaa inni nuuf qopheesse fudhachuudhaaf garbummaa cubbuu fi ofittummaa jalaa fayyuu qabna. Birmaduu ba'uudhaaf immoo guyyaa guyyaatti ofganuu qabna. Anummaa jalaa du'uu qabna. Asi irratti wanti hubachuu qabnu iyyesuus waa'ee fannoo yommuu dubbatu; waa'ee fannoo bareedaa fi warqii irraa hojjatamee har'a waldoota kiristaanaa keessaa mul'atuu dubbataa jira utuu hin taane, waa'ee fannoo isa eenyummaa keenya isa du'uu qabuu dubbachuu isaati. Tarii waa'een ofganuu kan ati jechaa jirtu wanta barri irra taree fi wanta akkaataa jireenyaa qofa agarsiisudha naan jechuu dandeettu ta'a, haata'uu malee jireenya dhugaa jiraachuu kan jalqabnu ofii keenyaa yommuu ofgannuu fi eenyummaa keenya isa dhugaatiif yommuu duunu qofadha.
Fannoo: Fannoon daangaa dhuma cubbuu fi garbummaa cubbuu ta'uun isaa dhugaa ta'ee utuma jiru, iddoo itti jalqaba jireenya Qulqullummaa fi hafuurawaati. Kanaan walqabatee furtuun/ijoon wangeela dhaloota biraan gayuuf gargaaru kiristaanonni ofiif du'uu fi kiristoos akka isaan bituuf eeyyamamoo yeroo ta'anidha.

Luq 14:27 irratti Iyyesuus ''fannoo isaa baadhatee na duukaa kan hin buune duuka-bu'aa kiyya ta'uu hin danda'u'' jedhe. Egaa, Fannoo baatanii yesuus duuka-bu'uu jechuun amanaa sammuu isaa gate, yookiin immoo nama waa'ee amantaa malee wanta biroo hin yaadne ta'uu jechuu miti. Maal jechuudharee? Gooftaaf of kennanii, jireenya hafuura qulqulluun gaggeeffamu, jireenya gooftaa mul'isu, jireenya naga-buleessa, madaalawaa fi waaqayyoon kabajjisiisu jiraachuu jechuudha. jireenya akka kanaa yoo qabaannedha kiristaanummaan keenya fedhii keenya irratti kan hundaa'e utuu hin taane, jireenya dhugaa fi amanamummaa irratti hundaa'e ta'uu kan danda'u. Kiristaanonni waa'ee araara galuu fi waa'ee iyyesuus yommuu dubbatan namoonni naannawa isaanii jiran kan isaan hin dhageeffanneef maaliif isinitti fakkaata? Akka yaada kiyyaatti sababni isaa ''Isa lallabne jiraachuu keenya waan nu irratti hin argineefidha''. Wangeela jaalalaa lallabna, garuu tokkoo tokkoon keenya jaalala walii hin qabnu. Waa'ee of kennuu in lallabna nuti garuu kan of kenninee miti. Obboloota koo, Namoonni wanta nuti dubbannu dhaga'uu kan danda'an yommuu jireenya jijjiirame nu irraa argan qofadha. Kanaafuu Biyya alaattis ta'ee biyya keessatti wangeela dhaloota biraan gayuu fi daangaa wangeelaa babal'isuuf yaaliin nuti goonu tokko yoo jiraate, namoota tajaajiluu utuu hin taane, laphee jijjiirame, jireenya fakkeenyummaa fi ragaa gaarii ta'uu danda'u qabaachuudha. Furtuun ijoon wangeela dhaloota biraan gayuuf gargaaru amantootni yommuu ofiif du'anii fi akka kiristoos isaan bituuf yeroo eeyyaman qofadha. Kana ta'uu baannaan wangeela dhaloota biraan gayuu fi namoota tajaajiluudhaan wanta ofii keenyaa barbaanne godhuu dandeenya. Yoo yaadni garaa fi ilaalchi jireenya keenyaa hin jijjiiramne garuu dhuguma ofii keenya tajaajilla malee waaqayyoon tajaajilaa jirra jechuu miti. Namni waaqayyoo beekkamaan tokko ''bu'aa bayiin alatti mo'ichi hin jiru'' jechuun dubbateera. Kana waan ta'eefis baay'inni namoota waaqayyoof bu'aa buusanii xiqqaachuun isaa wanta nu ajaa'ibsiisuu miti. Kiristaanota bara kam jiraatan caalaatti kiristaanonni bara kanaa dhukkubaa fi rakkina cimsinee sodaanna. Qorichoota baay'ees qabna, dhukkubbiin akka nutti hin dhaga'amneefis qorichoota hadoochisan baay'ee qabna. Jireenya hafuuraa keenyaan yommuu guddannu, dhukkubbii fi miidhaa nu irra gayuuf garuu qorichoota hadoochisan wanti nuti argachuu dandeenyu tokko illee hin jiru. Egaa fannoon jireenya cabaa fuula waaqayyoo duratti qabaachuu nu barbaachisudha. Isa malee wamaafuu kan hin fayyanne, duwwaa akka taane, waan hundumaa irratti warra isatti irkifataniiran ta'uu keenya akka beeknu cimsee agarsiisa. Yaadni akkanaa bara kana akka hin jaalatamne nan beeka. Ta'us garuu waaqayyo gara-jabina, boonaa fi ofittummaa keenya yommuu nu irraa cabsu, miidhamuu fi nu dhukkusuun isaa waan hin oolledha. Kanaaf qophoofneerraa laata? Garaa keenya irraa ''yaa waaqayyo na cabsi, na suphi'' jechuudhaaf nuti eeyyamamtotaa? Waaqayyo isa nu isa kadhanne waan nuuf kennuuf wanti nuti kadhannu garaa keenya irraa ta'uu isaa warra beekan haa taanuu. Yesuus gooftaa jireenya keenyaa akka ta'u kan barbaannu yoo ta'e maal gochuu akka qabnu kutaa itti aanu keessatti kan ilaallu ta'a.
EEBBIFAMAA
SHARE godhuun amala wanta argattan dhaloota biraan gayuu horadhaa.
barnoota hafuuraa kanneen biroo argachuudhaaf website http://hikokedir.blogspot.com jedhu search, follow godhaa.
JIREENYI AMANAA JIREENYAAN MADAALAMA!
©michuu keessan Hiikkoo

LIFE GROUP
Comments