Kutaa 2ffaa ================ Akka dhugaa isaatti yoo ta'e sadarkaa jalqabaatti iyyuu kirirstaanummaan dhimma walgayii yookiis dhimma faarfannaa miti. Jireenyi kiristaanummaa kan nagaa, qajeelummaa, hafuurawaa fi qulqullummaati. Yeroo mijataa fi hin mijannetti illee warra rakkatan dhaqqabuudha. Waan qabnu hundumaa warra kaan wajjiin qoodamuudha. Kana jechuun jireenya keenya illee dabalateeti malee qarshii keenya qofa kennuu miti. Jireenya akka kanaa jalqabuu keenya dura wanti Iyyesuus waa'ee duuka-bu'ummaa dubbate xiqqoo akka ta'etti hubanna ture. Iyyesuus waa'ee of ganuu fi Fannoo keenya baadhachuu yeroo dubbatu maal jechuu isaati? Kun warra beela'e nyaachisuu fi kan daaran uwwisuu qofa akka hin taane ifa galadha. Iyyesuus kan inni du'eef gatii Cubbuu keenyaa kaffaluudhaaf . Kanaafuu birmadummaa dhugaa inni nuuf qopheesse fudhachuudhaaf garbummaa cubbuu fi ofittummaa jalaa fayyuu qabna. Birmaduu b...
Himi'n miidiyaa hafuuraa amantootaa kiristiyaanaati. Barumsa Fayyinaa fi waa'ee Bara dhumaa irraati xiyyeeffata. Miidiyaa keessan cinaa dhaabbachuudhaan nu gargaaraan dhaamsa keenya hennaa maraati.