Skip to main content

KIRISTAANUMMAA


Kiristaanummaan ari'atamuu, dhiphinaa fi wareegamuu irraa adda bayuu hin danda'u. Yoh 16:33
Kunis immoo dhiphina kiristoos keessaa hirmaattuu ta'uu kan argisiisudha.

Amanaan tokko gooftaa yesuusitti amanuudhaan amala hafuura qulqulluu ofitti fudhata. Amalli haaraan kunis hirmaattuu Jaalala waaqayyoo isa godha.

Bara ari'atamni baay'atu amantootni hedduun awwaala tokko keessatti akka boqotan taasifama. Yeroo sanatti dhuunfaa dhuunfaa isaaniitiin awwaaluun rakkisaa ta'a.

Faallaa isa kanaa garuu sababa weerara dhukkuba Koronaa(COVID-19)tiin awwaalli reeffa namoota Baay'ee boolla tokko keessatti raawwatamaa jira. Haata'uu malee kuni ciniinsuudha. Hin sodaatinaa. Garuu ari'atamnii fi duuni kiristaanota baay'ee immoo isa kana irra caalaatti ulfaataadha. Bara ammayyaa kana keessatti utuu suufa(Ambaasaadara) hin uffanne tajaajiluun fokkuu fakkaata. Kaan immoo babarreessaa ashangulliitii fakkeessu yoo hin dibanne tajaajilli ishii waan Saba waaqayyoof hiikamsa kennu hin seetu. Akkasumas immoo namoonni baay'een lallabaa wangeelaa, raga bayuumsaa fi barsiisaa ta'uu yeroo itti hagas Mara dhimma hin qabnedha. Utuu akka fedha isaatii hundumtuu FAARFATAA, SOORTUU, RAAJII FI ERGAMAA jedhamee waamamuu barbaada. waaqayyo garuu akka fedha isaatti kennaa ufii isaatii waan nuuf kenneeruuf, fedhuma isaa tajaajiluun gaariidha.

Akkuma footoo fi viidiyoo babbareedaa fuula miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfannee akka amanaa cimaa fi Amantii qabu tokkootti of agarsiisuu barbaannutti, jireenya akkasii jiraachuu danda'uu qabna. Hin ta'u taanaan garuu qualitiin footoo qualitii jireenya keenyaatiin wal hin madaalu.

Egaa, yaa michoota koo, amantii keenyaan ciccimoo ta'uun gaariidha, ta'us garuu warra qabatamaan akkas godhan ta'uu qabna. Hamma yeroon gayutti kennaan hundumtuu waan wal hin caalleef Akkuma waaqayyo kennaa ayyaanaa qoodee itti nuuf kennetti cimnee haa hojjannuu, garuu immoo waaqayyoon irratti boqochuu haa beeknuu. Aadaa, Afaan fi Haalonni yeroo tokkummaan hojjachuu keenyaaf gufuu ta'uu hin danda'an. Hundumti keenya kiristoosiin tokko taaneerra.


                        Ameen!!

Mana turuun sodaaf miti, manuma turaa

Eebbifamaa 
jireenyi amanaa jireenyaan madaalama

LIFE GROUP 

Comments

Popular posts from this blog

CUBBUU

       Cubbuun keessummeessaa fedha bilisaa fi filannooti. Burqaan cubbuullee Seexana. Isa 14:12-15. Kanaafis cubbuun karaa Addaam gara ijoollee namaatti darbuudhaan biyya lafaatti gale. Egaa namni bara Kakuu moofaattis ta'ee Kakuu haaraatti kan gaafatamu cubbuu hojjateenidha. Sababnis filannoon bilisaa hanga jirutti cubbuunis jira waan ta'eef. Akkuma fedhii ofiitiin abboomamuun jiru abboomamuu diduunis jira. Kana waan ta'eef namni bara biyya lafaa irra jiraatutti cubbuu hojjachuu hin dhiisu, Kunis uumama cubbuu hojjatu waan qabuuf. Kana jechuun Gooftaan Yesuus uumama cubbuu waan hin qabneef isa hin dabalatu. Kana malees, gosoonni cubbuu hawaasa keessa jiran heddudha. Isaan keessaa muraasni: 1). Loogii 2). Sanyummaa 3). Mirga namootaa sarbuu 4). Ulfa baasuu 5). Gaa'ila saala walfakkaatu gidduutti raawwachuu 6). Malaammaltummaa fi kkf. Bu'aan cubbuu du'a bara baraati. Egaa, waaqayyo Warra lapheen isaanii deebi'u ni jaallata. Cubbuun namoota tokk...

Addunyaa Ormaa

 Namni kamuu du'a hin oolu; du’a balfus, duuni isa hin balfu. Garuu namni akka du'u utuma beeku, akka isa hin duunetti deddeebi'a. “Akka nama barabaraan jiraatuutti dhama'i, akka nama amma du'uutti hojii gaarii of harkaa qabaadhu!” kan jedhamu namoota hedduu biraa bakka hamma xurii qeensaa iyyuu hin qabu. Kana qofaa miti, firaa fi hiriyyaan har'a akka lubbuu keenyaatti jaalannu hunduu guyyaa ijji isaa walitti deebi'u, hafuurri isaa foon irraa adda bahu namni beeku hin jiru. Akka tasaa osoo namoota kanneen keessaa tokko miidhama lubbuu miidhamee, baay'een keenya hamma eegamuun ol miidhamna. Kunis jiraatti yeroo waliif qabaachuu dhabuu keenya irraa waan maddudha. Waliif gadduun, oo'a waliif agarsisuun, namatti dhagayamuun akkuma jirutti ta'ee, miidhama jireenyaa fi sammuu harka caalmaan kan dhaqqabsiisu, jiraatti quba waldhabuu, waan godhanii fi walii godhan osoo hin raawwatin deddeebi’uu, akka wal jaalatan walitti himuu dhiisuu, bakka waliif qaban...

JIREENYA AMANTII

Namoonni tokko tokko kufaatii isaanii kaleessaatiin kan hafan yookiis immoo hubannaa wantoota sodaachisoo boru Isaan mudataniin kan qabamanidha. waaqayyo Garuu Kaleessa keessan irra hin jiraatu. Dhagayaa ani anadha jedha waaqayyo. Amantiin kee amma. Jireenyi Amantiiis immoo waayee kaleessaa yookiis borii miti. Waa'ee har'aatidha. Amantiin kan hojjatu ammaafidha. Deebii isin amma waaqayyoo fi sagalee isaatiif deebiftanidha. Kanaafuu qooda waa'ee kaleessaa dhiphachuu yookiis sodaa boruutiin guuttamuu xiyeeffannoo keessan har'a irra godhaa. Amma maal gochuu qaba jedhaatii of gaafadhaa. Har'aa keessan gaarii godhaa. Dhiphinni keessan kaleessaa fi sodaan keessan boruu diina gammachuu keessan har'aatidha. Kaleessi darbeera. Dubbii waaqayyoo isa isin Irra jiru irratti xiyyeeffadhaa. Sababnis waaqayyo sodaa keessanitti hin gammadu amantii keessanitti malee. Guyyicha guyyaa milkaa'aa godhaa. Eeliyaas gaara koreb gubbatti Yommuu waaqayyoon Walgaye waaqayyo...