Kiristaanummaan ari'atamuu, dhiphinaa fi wareegamuu irraa adda bayuu hin danda'u. Yoh 16:33 Kunis immoo dhiphina kiristoos keessaa hirmaattuu ta'uu kan argisiisudha. Amanaan tokko gooftaa yesuusitti amanuudhaan amala hafuura qulqulluu ofitti fudhata. Amalli haaraan kunis hirmaattuu Jaalala waaqayyoo isa godha. Bara ari'atamni baay'atu amantootni hedduun awwaala tokko keessatti akka boqotan taasifama. Yeroo sanatti dhuunfaa dhuunfaa isaaniitiin awwaaluun rakkisaa ta'a. Faallaa isa kanaa garuu sababa weerara dhukkuba Koronaa(COVID-19)tiin awwaalli reeffa namoota Baay'ee boolla tokko keessatti raawwatamaa jira. Haata'uu malee kuni ciniinsuudha. Hin sodaatinaa. Garuu ari'atamnii fi duuni kiristaanota baay'ee immoo isa kana irra caalaatti ulfaataadha. Bara ammayyaa kana keessatti utuu suufa(Ambaasaadara) hin uffanne tajaajiluun fokkuu fakkaata. Kaan immoo babarreessaa ashangulliitii fakkeessu yoo hin dibanne tajaajilli ishii waan Saba waaqa...
Himi'n miidiyaa hafuuraa amantootaa kiristiyaanaati. Barumsa Fayyinaa fi waa'ee Bara dhumaa irraati xiyyeeffata. Miidiyaa keessan cinaa dhaabbachuudhaan nu gargaaraan dhaamsa keenya hennaa maraati.